Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaan " milishaa hidhannoo hiikkachiisuu" ilaalchisee tamsaafama jiru soba jedhame

259

Ebla 16/2016 (TOI) - Naannoon Amaaraa "miseensota milishaa hidhannoo hiikkachuu" ilaalchisee xalayaan akka waan pirezidaantiin naannoo Amaaraatiin barreeffameetti miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa jiru sobaa ta'uu beeksise.

 Xalayyaan akka waan pirezidaantiin naannichaa obbo Arraggaa kabbaan godinaalee fi bulchiinsa magaaloota hundaaf barreessan fakkeeffame bahe kun guutummaatti soba ta'uu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa beeksiseera.

Yaaliinnodeeffannoon sobaa kun tamsaafamaa jiruuf nageenya waaraa naannichatti fiduuf hojii hojjetamaa jiru gufachiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibseera

Tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fi  humnoonni nageenyaa naannichaa qindoominana fudhata jiraniin kasaaraan guddaan waan irra gaheef gareen finxaaleyyii burjaajii uumuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuun isaa ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015