Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annoo jala oolche

117

Ebla 16/2016(TOI) - Poolisiin Federaalaa miseensa isaa I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwachuu isaan to'annoo jala oolchuu hime. 

Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaleef ergeen dhaabbatichi amantii hundaaf kabaja walqixxee akka qabu himeera. 

Poolisiin Federaalaa loogii amantii, sabummaafi siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'uun heddummina duudhaa kan taasifate dhaabbata uummataa ta'uus akeeke.

Yuunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee miseensa haarawa akka filatuuf gara naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti yeroo ergametti Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti argamuun uffata dambii Poolisii Federaalaa uffatee faarfannaa amantii faarfachuun uummata fuulduratti qawwee osoo dhukaasuu viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra naanna'aa ture Dambii Ittiin Bulmaata dhaabbatichaan ala ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera.

Miseensa kanas yerosuma to'annoo jala oolchuun seeraafi dambii dhaabbatichaan qorannoo irratti geggeessaa akka jiru ibseera. 
 
Poolisiin qaama hunda qixaan kan tajaajilufi amantii isaas dhuunfaan hordofuu kan danda'u ta'ee osoo jiruu miseensi kun meeshaa mootummaan nage4nya uummataa akka ittiin eeguuf hidhachiise bakka hawaasni hedduun argamutti namuusa poolisii karaa cabseen dhukaasuun isaa seeraan kan gaafachiisu waan ta'eef seeratti kan dhiyeessuun ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015