Kubbaaniyaan Chaayinaa Zeenit Istiil jedhamu paarkii Indastirii Boolee Lammii keessatti hojii invastimatii hojjechuuf fedha akka qabu beeksise.

33

Kubbaaniyaan Chaayinaa Zeenit Istiil jedhamu paarkii Indastirii Boolee Lammii keessatti hojii invastimatii hojjechuuf fedha akka qabu beeksise.

Ebla 16/2016(TOI) - Kubbaaniyaan Chaayinaa Zeenit Istiil jedhamu paarkii Indastirii Boolee Lammii keessatti hojii invastimatii hojjechuuf fedha akka qabu beeksise.

Hoji geggeessaan olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii obbo Akiliiluu Taaddasa hoji geggeessa kubbaniyichaa Liwaan Dongaa fi hoggantoota hojii piroo simachuun haasofsiisaniiru.

Obbo Akiliiluun paarkiiwwan insatirii keessatti invastaroota biyya alaa hojii invastimatii hojjechaa jiran keessaa lakkoofsaan guddaa kan ta'an invastaroota Chaayinaa ta'uu himaniiru.

Kanaaf Korporeeshinichi deeksii invastimatii Chaayinaa banuu  hojjechaa jirachuu himaniiru.

Hoggantoonni Kubbaaniyichaa waa’ee kubbaniyichaa;  Karoora invastimantii fi sochii yeroo ammaa kubbaniyichaa fi hojii marsaa jalqabaatiin hojjechuuf karoorfatan ibsaniiru.

 Kubbaaniyaan Chaayinaa kun marsaa jalqabaatiin Paarkii Indaastirii Boolee Lammiitti lafa misoome hektaara 30 fudhachuun doolaara Ameerikaa miiliyoona 150 ol invast gochuuf akka karoorfate ibsameera.

Dabalataanis, paarkiiwwan industirii biroo fi Zoonii Daldala Walabaa Dirre Dawaatti  lafti misoomaa heektaara 100 ol fudhatamee hojiitti akka galfamu Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii irraa odeeffannoon argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015