Agarsiifnii fi Baazaariin Itiyoophiyaan haa oomishtuu guutuu magaalaa Finfinneetti baname

77

Ebla 16/2016 (TOI)- Agarsiifnii fi Baazaariin Itiyoophiyaan haa oomishtuu, nutis haashamatnu jedhu har’a  guutuu magaalaa Finfinneetti banameera.

 Ministirri Industirii Malaakuu Allebal fi ittaanaa kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay agarsiisaa fi Baazaarii kana bananiiru.

Industiriiwwan oomishaa 200 ol agarsiisaa fi baazaarii kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u, industiriiwwan oomishaa oomishasaanii kan itti beeksisan, hawaasni gatii madaalawaan kan itti bituu fi walitti hidhamiinsa gabaa kan itti uumamudha jedhameera.

Agarsiifnii fi Baazaariin Hoteela Giyoonitti baname kun har’aa kaasee guyyoota afuriif ummataaf banaa ta’ee nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015