Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifameera

46

Ebla 15/2016 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin maashiniiwwan kuma 5 ol fayyadamtootaaf akka dhiyaatan taasifamuu Waldaan Faayinaansii Aksiyoona Daldala Meeshaalee Kaappitaalaa naannichaa beeksise.

 Biiroon Invastimantii fi Industirii Naanniichaa immoo intarpiraayizoota moodeela xixiqqaa fi giddu galeessaa kuma 6 gara invastimantiif fiduuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera.

Daarektarri Olaanaa Waldaa Faayinaansii Aksiyoonaa Daldala Meeshaalee Kaappitaala Oromiyaa Yoonaas Gaalataa TOI'tti akka himanitti;  Waldaan kun dhaabbata misoomaa bara 2006 irraa eegalee damee industirii sirreessuuf kaayyeffatee hundeeffame dha.

Waldaan kun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin lammiilee hojii qonna, industirii, ijaarsa, tajaajilaafi tuuriizimii irratti bobba’aniif tajaajila liqii kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis rakkoo qaqqabummaa faayinaansii kanaan dura ture hiikuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.

Waldichi erga hundeeffamee jalqabee maashinoota kuma 5 ol birrii biiliyoona 1.4'tti tilmaamamun sirna faayinaansii liizii meeshaalee kaappitaalaatiin fayyadamtootaf dabarfamuu beeksisaniiru.

Intarpiraayizoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa deeggarsa argataniis kaka'umsa guddaan hojjechuun qabeenya tilmaamni isaa Birrii miiliyoona 339 ol ta'u horachuu ibsaniiru. 

Kanaanis Lammiileen kunneen jireenya isaanii fooyyessuu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu fi guddina dinagdee keessattis gahee gaarii taphachaa akka jiran ibsaniiru.

Itti aanaan hogganaa  Biiroo invastimatii fi indastirii Oromiyaa Washoo Kadir;  Deeggarsi intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaaf taasifamaa jiru damicha kakaasaa jiraachuu ibsaniiru.

Indaastiriiwwan maanufaakchariingii Baankii Misoomaa fi dhaabbilee biroo waliin qindoominaan rakkoolee gama faayinaansii, bu’uuraalee misoomaa fi meeshaalee oomishaatiin deebii kennuuf hojjetamaa jirus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015