Mootummaan tokkummaan Sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessa waloof xiyyeeffannoon hojjechaa jira

79

Ebla 15/2016 (TOI) - Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf ijaarsa seenessaa waloof kutannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa doktar Laggaasaa Tulluun ibsan.
 
Doktar Laggaasaa Tulluun akka ibsanitti, rakkoolee baroota dheeraaf turan furuuf mootummaan riifoormiiwwan hedduu taasisaa jira.

Garaagarummaan siyaasaa mariin akka furaman; miidhaawwan ga’an araaraan akka furaman, gara haqaatti ce’uufis imaammanni ce’umsa haqaa ragga’uu himaniiru.

Dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ajandaalee ummataarratti mari’achuun furmaata dhiyeessuuf qophii marii biyyaalessaa hojiileen gaggeeffaman xumuramaa jiraachuu eeraniiru. 

Mootummaan tokkummaan sabdaneessummaa akka cimuuf xiyyeeffannaa addaa kennuu eeranii, walitti hidhamiinsa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Tokkummaa Itoophiyaa bu’uuressuu fi waliin jireenyaa ummatootaa baroota dheeraaf ture bu’uurarraa cimsuuf seenessi waloon gahee olaanaa akka qabus dubbataniiru. 

Kanaafis mootummaan seenessa waloo sabdaneessummaarratti bu’uureffate ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. 

Seenessii waloon kunis imala badhaadhinaa Itoophiyaa mirkaneessuu, faayidaa biyyaalessaa eegsisuu, tokkummaa ummataa cimsuuf murteessaa ta’uu himanii kana keessatti hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015