Magaalaa Bishooftuutti ji'oota salgan darban lammilee kuma 47 oliif carraan hojii uumameera

64

Ebla 14/2016(TOI) - Magaalaa Bishooftuutti ji'oota salgan darban lammilee kuma 47 oliif carraan hojii uumamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Bulchiinsi magaalichaa birrii biliyoona tokkoon sheedotaa fi gamoowwaan oomishinni keessatti gurguramuu kan sadarkaa isaanii eeggatanii fi yeroo dheeraaf turuu danda'an ijaaruus beeksiseera.

Kana keessaas yeroo ammaa ijaarsi sheedonni oomishaaleen keessaatti oomishaman kan xumurame yoo ta'u gamoowwaan bakka gurgurtaa oomishaaleef oolaan immoo bakka saditti ijraama akka jiran eerera.

Itti gaafatamaan Waajjira Hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu obbo Taaddasaa Asaffaa akka himanitti; bulchiinsi magaalicha dameewwaan hojii biyya ceesisuu danda'an irratti xiyyeeffachuun carraa hojii uumaa jira.

Carraan hojii uumamee kunis damee qonnaa, indastirii kennisa tajaajilaa fi oomishaarratti ta'uu himaniiru.

Bara bajataa kana lammilee kuma 50'f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsanii; hanga ammaatti lammilee kuma 37'f carraa hojii dhaabbii, kuma 10 immoo carraa hojii yeroo uumuun danda'amuu himaniiru.

Lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif deeggarsa liqaa, bakka hojii dhiheesuu fi leenjii ogummaa kennuurratti hojiin hojjetamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015