Ijaarsi pirojeektii ''Kuul Poorti Addis'' bara kana ni eegala

55

Ebla 14/2016(TOI) - Oomishaalee Kuduraa fi Muduraa biyya alaatti erguuf kan ooluu ijaarsi pirojeektii ''Kuul Poorti Addis'' bara kana kan eegalamu ta'uu Tajaajilli geejiba galaanaa fi loojistikii beeksise.

Tajaajila Geejibaa Galaanaa fi Loojistikiitti itti aanaan hoji geggeessaa olaanaa buufataa fi tarminaalii Mirata'aab Takiluu; qabeenya gabbataa Itoophiyaan Kuduraa fi muduraa irratti qabdu fayidaarra oolchuuf bu'uuraaleen misooma barbaachisaan guutuu akka qaban TOI'tti himaniiru.

Keessaayyuu oomisha kuduraa fi muduraa qulqullina isaa eeguun gabaa alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuu dabaluuf kontinaroota qorisiiftuu ijaaruun murteessadha jedhaniiru.

Kanaaf buufata lafarraa Mojootti bakka Kuduraa fi Muduraan tursiifamuu fi qorrisiisuuf ooluu ijaaruuf pirojeektii ''Kuul Poorti Addis'' jedhamu ijaaruuf waggaa jahaan dura dhagaan bu'uura kaa'amuu himaniiru.

Ta'uus garuu ijaarsa pirojeektii kana jalqabuuf maallaqni barbaachisu yeroo barbaadamutti waan hin argamnee akkasuma qorannoowwaan damicharratti taasifamaa turan duubatti hirkifachuu isaan pirojeektichi yeroo kaa'ameef keessaatti hojjetamuu hin dandeenye jedhaniiru.

Pirojeektichaaf faayinaasi barbaachisu deeggarsaan argachuuf mootummaa Neezarlaandi waliin mariin yeroo dheeraaf geggeeffama turuu himanii; kana hordofuun ji'aan dura deeggarsa doolaaraa miliyoona 25 waliin mallatteeffamuu himaniiru.

Pirojeektichi waliigalaan doolaaraa miliyoona 50 kan barbaachisu ta'uu himanii doolaarri miliyoonni 25 hafu mootummaa Itoophiyaan kan itti guutamu ta'uu himaniiru.

Haaluma kanaan ijaarsi pirojeekticha bara kana akka jalqabamu himaniiru.

Pirojeektichi yeroo xumuramu kuduraa fi muduraatti galteewwan barbaachisan dabaluun gara gabaa alaatti akka ergamanii fi galii fooyyee qabu akka argamiisaan ni taasisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015