Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kenneera.

572

Ebla 14/2016 (TOI) - Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kennuu beeksise.

Daarektarri olaantuu Dhaabbatichaa Maa'azaa Abarraa TOI'tti akka himanitti; dhaabbatichi ijoon tajaajila sakata'insa qulqullina laabiraatorii, Sartafikeeshinii qulqullinaa fi Inspeekshinii kennaa jira.

Haaluma kanaan ji'oota salgan darban xaa'oo biyyoo meetirik toonii miliyoona tokko dabalatee oomishaalee 19 ol ta'an irratti tajaajila sakattoo qulqullina laabiratoorii fi sartifkeeshinii kennuu beeksisaniiru.

Dameen dhaabbatichaa Jibutiitti argamu Zayita nyaataa liitira miliyoona 13 irratti sakattoo qulqullina labiraatorii taasisuus himaniiru.

Dhaabbatichi dameewwaan tajaajila sakattoo qulullinaa kennu keessa galteewwan qonnaa, Nyaataa fi dhugaatii, Qoricha, kemikaalaa fi albuuda, galteewwan ijaarsaa, Elektirooniksii,gogaa fi oomishaaleen huccuu keessaatti argamu jedhaniiru.

Oomishaaleen kunneen bu'uura ulaagaalee kaa'amaniif eeganii oomishamuu sakata'amanii sartafikeettiin mirkaneessaa kan kennamuuf ta'uu himaniiru.

Tajaajiloonni dhaabbatichi kennu kunneen sadarkaa idil addunyaatti beekamtii fi fudhatama kan qabu ta'uus himaniiru.

Laabiraatoriiwwaan sakata'insaaf oolaan kan dhaabbatichi qabu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama kan qaban waan ta'aniif nageenyaa fi fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru.

Mootummaan oomishaalee alaa galanii fi biyya keessatti oomishaman bu'uura ulaagaalee ka'ameefiin qulqullinni isaanii kan guutame ta'uu mirkaneeffachuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu himaniiru.

Dhaabbatichi sartafikeettii mirkaneesaa qulqullinaa erga kenneefii ji'a sadi sadiin sakatta'insa kan taasisu ta'uus eeraniiru.

Oomishaalee sakata'insi taasifameefii yeroo lamaa ol bu'uura ulaagaa kaa'amee hin guunne qaama dhimmi ilaallatu kan to'annoorratti hojjetu beeksisuun oomishaalee kanarratti to'annoo fi hordoffii akka taasisan ni taasifama jedhaniiru.

Dhaabbanni madaallii mijatummaa Itoophiyaa sadarkaa naannoleetti dameewwaan 9 kan qabu yoo ta'u, hawaasni mallattoo qulqullinaa dirqamaa fi sadarkaa oomishaa irratti hubannoon qabu akka cimuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015