Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti qabate to’achuuf tumsa taasifameen ibiddichi osoo hinbabal’atiin ittisuun  akka danda’ame  ibsame

105

Ebla 14/2016(TOI)- Ibidda paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Kaabaatti qabate to’achuuf tumsa taasifameen ibiddichi osoo hinbabal’atiin ittisuun  akka danda’ame waajjirri paarkichaa beeksise.

Waajjirichatti qorataan Ikooloojii fi beellada bosonaa obbo Taaddasaa Yigzaawu TOItti akka himanitti, ibiddichi kan qabate paarkicha keessa ganda mbaaraas jedhamutti.

Ibiddi kun Ebla 10 bara 2016 qabachuusaa eeranii, bakka ibiddi kun qabatetti  kan argaman marga Guwaassaa jedhamuu fi mukkeen uumamaa paarkichaa Wucena jedhamanirratti miidhaan qaqqabuu dubbataniiru.

Amma ammaatti Bineensota bosonaa paarkichaarraa miidhaan akka hingeenye eeranii, sababni ibiddi kun itti qabate amma ammaatti akka hinbeekamne kaasaniiru.

Hojii ittisaa miseensonni birgeedii balaa ibiddaa ittisan, jiraattonnii fi qaamoleen deeggartootaa taasisaniin ibiddicha bakka gooxiiwwan Giccaa fi Immeet Googootti to’achuun paarkichatti akka hinbabal’anne ittisuun akka danda’ame beeksisaniiru.

Guutummaatti to’achuuf tumsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Haalli qilleensaa naannawichaa qilleensaa fi ho’aa waan ta’eef ibiddi akka babal’atu taasisuusaa ibsanii., balaan ibiddi geessise taaskifoorsii yeroo dhihootti hundeeffamuun niqoratama jedhan.

Waggoota darban paarkichatti rakkoo uumamaa fi namtolcheetiin ibiddi yeroo adaddaatti ka’aa akka ture yaadachiisanii, haata’u malee balaan guddaan osoo hinqaqqabiin to’achuun akka danda’ame himaniiru.

በQabeenya uumamaa paarkichaa ibiddaan miidhaan irra qaqqabe deebi’ee akka bayyanatu gochuun ganna ganna muka biyya keessaa dhaabuun kunuunfamaa akka ture dubbataniiru.

Paarkichi kiiloomeetir Iskuweerii 412 kan qabu yoo ta’u, Waaliya, jeedaali diimtuu fi jaldeessi Cilaadaa dabalatee bineensonni bosonaa fi simbirroowwan akka keessatti argaman nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015