Ejensichi har’aa eegalee Sanbata guyyaa guutuu tajaajila akka kennu ifoomse

344

Ebla 12/2016 (TOI)- Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa caasaa aanaarraa jalqabee qabuun har’aa eegalee Sanbata guyyaa guutuu tajaajila kan kennu ta’uu ifoomseera.

Ejensichi aanaalee moodalaa 16 keessatti sagantaa hojii jalqabsiisuu adeemsisaa jira.

Sadarkaa ittaanaa kantiibaatti hojiigaggeessituun olaantuu magaalaa Finfinnee adde Hiikmaa Keyreddiin, daarektarri olaanaa Ejensichaa obbo Yoonaas Alamaayyoo fi hojii raawwachiisaan muummee kutaa magaalaa Lammii Kuraa Taarraqany Gammachuu sagantaa kana kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 8tti argamuun jalqabsiisaniiru.

Sadarkaa ittaanaa kantiibaatti hojiigaggeessituun olaantuu magaalaa Finfinnee adde Hiikmaa Keyreddiin  wayita kana akka jedhanitti, jiraattonni magaalichaa tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu akka argatuuf dhaabbilee irratti hojjetamaa jiran keessaa ejensiin galmee siviilii fi tajaajilli jiraattotaa isa tokkodha.

Ejensichi reefoormii taasisaa jiruun iddoo hojii mijataa uumuu fi tajaajilasaa ammayyeessuuf isa gargaara jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015