Itiyophiyaa maxxantummaa dinagdee jalaa baasuun fakkeenya bilisummaa, tokkummaa fi badhaadhinaa Afriikaa nitaasifna-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

666

Ebla 12/2016 (TOI)- Itiyophiyaa maxxantummaa dinagdee jalaa baasuun fakkeenya bilisummaa, tokkummaa fi badhaadhinaa Afriikaa nitaasifna jedhanministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Waltajjiin ummataa mootummaa jijjiiramaa deeggaru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti magaalaa Walqixxeetti taa’ameera.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, Guraageen hawaasa waadaasaa Goot jedhamuun waa’ee tokkummaa fi waloomaa cimsee kan barsiisee fi qabatamaan kan jiraate ta’uu ibsaniiru.

Diinota Itiyoophiyaa addaan qooduu fi walitti buusuuf guyya guyyaan dhama’an hundaaf Itiyoophiyaanonni humna tokkummaa barachuun biyya badhaate ijoolleessaaf dabarsuun akka hojjetu ergaa dabarsaniiru.

Guraageen nageenya kan barsiisuu fi nagaan kan jiraatu ummata fakkeenya ta’edha kan jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad, waa’ee nageenyaa wayita yaannuu fi osoo hinjiraatiin nageenya argachuun hindanda’amu jedhaniiru.

Itiyoophiyaa guutuu nageenya cimsee barbaadu, waloomaan jiraachuun  Itiyoophiyaa badhaatee fi hundaaf mijattuu arguuf akka hojjetu waamicha dhiheessaniiru.

 Itiyoophiyaanonni ibsituu eenyummaa hedduu akka qabnu fudhachuun,garaagarummaan aadaa, afaanii, teessuma naannawaa Itiyoophiyaa kan bittimsu ta’uu akka hinqabne ibsaniiru.

Ummanni Guraagee enyummaa addaddaa ofkeessaa qabaatus Guraagummaan tokko ta’ee jiraachuun fakkeenyaa fi mallattoo tokkummaa Itiyoophiyaa ta’ee jiraachuusaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaan yeroo addaddaa bilisummaasheef kan qabsooftee fi kan hinbitamne taatus maxxantummaa dinagdeerraa bahuun bilisummaashee guutuu taasisuuf hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan yaalii weerartootaa yeroo addaddaatti kan qolattee fi biyya gita hinbitamne ta’uushee kaasanii, ta’us bilisummaa dinagdee osoo hinmirkaneessiin turuushee ibsaniiru.

Ummanni Guraagee bu’aan daldalarratti agarsiisan Itiyoophiyaa maxxantummaa dinagdeerraa baasuuf fakkeenya ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaanonni hundi misoomaa fi badhaadhinaaf dhaabachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Kanaaf kadhaaraa bahuuf, qosannaa gabbisuuf,daldala babal’isuuf tokkummaan tumsuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Yaalii cimaadhaan Itiyoophiyaa nadhaadhinatti olbaasuun fakkeenya bilisummaa fi badhaadhinaa Afriikaa taasisuuf cimnee hojjechuu filanneerra kan jedhan ministirri muummee Itiyoophiyaanoonni hundis ittigaafatama biyyaa kanaaf akka ka’an waamicha dabarsaniiru.

Tattaafataan ummata Guraagee ejjennoo Itiyoophiyaan tokkummaashee eegdee nibadhaati jedhu qabatee mootummaa cinaa dhaabachuu akka qabu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan kan badhaatu yaalii cimaan ta’uu ibsanii, abjuu humnoota biyya qoqqooduu fi walitti buusuuf yaalanii fashaleessuuf tokkummaa cimsuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015