Rakkooleen qaxanaan jiddugaleessa bahaa akka furaman Itiyoophiyaan dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan nihojjetti- ministeera dhimma alaa

429

Ebla 11/2016 (TOI)- Rakkooleen qaxanaan jiddugaleessa bahaa akka furaman Itiyoophiyaan biyyoota michootaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan akka hojjettu  ministeerri dhimma alaa ibse.

Nageenyii fi tasgabbiin biyyoota gaanfa Afriikaa nagaa hinqabne akka mirkanaa’u xiyyeeffattee akka hojjettu ibseera.

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa,TOI waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti imaammata hariiroo alaa faayidaa biyyaalessaa fi fedhiishee bu’uureffate tarkaanfachiifti.

'Dippilomaasiin Itiyoophiyaa kan jalqabaa fi dhumaa faayidaa biyyaalessaati’ kan jedhan ambaasaaddarichi, dippilomaasichi nageenya, misoomaa biyyaa kan bu’uureffate ta’yy kaasaniiru.

Ejjennoowwan Itiyoophiyaan addunyaa jijjiiramtuu keessatti fudhattu faayidaa biyyaalessaa isheetiin madaaltee akka ta’e kaasaniiru.

Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa jiddugaleessa bahaa teessuma lafaa fi ummataa waliin qabduun rakkinnii fi jeequmsi qaxanichaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf hiika kallattii ta’e akka qabu dubbataniiru.

Haala Kanaan rakkooleen qaxanichaa akka furamanii fi faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka kabajaman biyyoota gargaartotaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan akka hojjettu ibsaniiru.

Haala walfakkaatuun Itiyoophiyaan immaammatashee dhimma alaatiin biyyoota ollaaf xiyyeeffannoo dursaa akka kennitu ibsanii, keessumaa rakkoon biyyooota ollaa Itiyoophiyaa akka miidhu dubbataniiru.

Haala Kanaan biyyoota ollaa nageenya dhabuun rakkataniif nagaa fi tasgabbiin akka bu’u shoora nagaa kabachiisuu seenaadhaan qabdu cimsitee itti fufti jedhaniiru.

Itiyoophiyaan dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiin alatti qaxanichatti walitti hidhamiinsa dinagdee uumuuf hojiilee dippilomaasii hojjechuushee ibsaniiru.

Ulaa galaanaa dabalatee qabeenya uumaan kenne misoomsuun waliin fayyadamuu fi walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa fi daldalaa gabbisuun guddina waloo mirkaneessuu fi hariiroo ummattootaa cimsuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015