Imaammanni haqa cehumsaa Itiyoophiyaatti furmaata nageenya waaraa fi tasgabbii buusuuf dandeessisu qabatee qophaa’eera- Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

154

Ebla 11/2016(TOI)-Imaammani haqa cehumsaa haaloowwan waggoota dheeraaf daddarbaa dhufaniif furmaata kennuun karaa nageenyaa fi tasgabbii egeree  buusuu dandeessisuun qophaa’uusaa af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo dubbatan.

Af-yaa’ichi kana kan jedhan waltajii maree labsii sirna bulchiinsa federaalaa fi imaammata haqa cehumsaa irratti qophaa’errati.

Dhiitamuun mirga namoomaa yeroo addaddaatti Itiyoophiyaa keessatti raawwataman karaa ta’uu qabuun, hundagaleessa, qindaa’ee fi hirmaachisaa ta’eem furmaanni osoo hinkennamiifiin turuusaanii kaasaniiru.

Kanaaf nageenya egeree mirkaneessuun akka danda’amu adeemsa haqa cehumsaa hojeessuu “kan fayyadu qofa osoo hintaane guddaa barbaachisaa akka ta’e haalli qabatamaa biyyaa nimul’isa” jedhaniiru.

Haala Kanaan imaammatichi adeemsa haqa cehumsaa hirmaachisaa, miidhamtoota jiddugaleessa godhate, mirga namoomaa fi qajeelfamootaa fi tumaalee idil addunyaa kan kabaje,  haala siyaasaa fi hawaasummaa biyyaa irratti hundaa’e baasuu fi hammattoo imaammataa ifa ta’een akka gaggeeffamu gochuuf qophaa’uusaa ibsaniiru.

Imaammatichi garee ogeeyyotaa  ofdanda’oo qorannoo fi qu’annoorra turaniin kan qophaa’e, qooda fudhattoonnii fi addaddaa fi hayyoonni mari’atanii mana maree ministirootaan raggaafamuusaa yaadachiisaniiru.

Itiyoophiyaatti waliigaltee fuulduratti ittifufsiisuuf yaada furmaataa madaa fayyisuu kan danda’anii fi haaloo hambisuu danda’an qabatee qophaa’uusaa dubbataniiru.

Gama biraatiin ulaawwan labsii sirna bulchiinsaa haqa bulchiinsaa lammiilee mirkaneessuuf hojiirra oole irratti ka’an sirreessuurratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Dhaabbileen demokiraasii fi hooggantoonni mootummaa olaanoo waltajjii mariirratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015