Mariin gaanfa Afriikaa fi nageenya qaxanaarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira

142

Ebla 11/2016 (TOI)- Mariin gaanfa Afriikaa fi nageenya qaxanaarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira.

Mariin inistiitiyuutiin dhimma alaa qopheesse kun mata duree “dhimmoota walxaxoof daandiiwwan filmaatota barbaaduun, gaanfa Afriikaatti nageenya qaxanaa mirkaneessuu” jedhuun taa’amaa jira.

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii dhimma alaa Jaafaar Badruu fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Waraqaaleen barreeffamaa jijjiiramoota dirree nageenyaa qaxanichaarratti mul’achaa jiranii fi haalasaa, ageenya qaxanichaarratti shoora humnoonni alaa qabanirratti xiyyeeffatan dhihaatanii mariin akka taasifamu ibsameera.

Barreeffamoonni ijaarsi qaxanaa cimaa fi walitti hidhataa shoora nageenya waaraa fi carraalee gaariif qabu ilaallatan mariin paanaalii akka taasifamu ibsaniiru.

Mariin har’a taa’amus qaama mariilee gaanfa Afriikaa ilaalchisee adeemsifamaa jiranii ta’uun ibsameera.

Mariin akkasii akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa 2013 Jibutiitti taa’amuunsaa niyaadatama.

Inistiitiyuutiin dhimma ala dhaabbata hariiroo alaa fi dippilomaasii, dhimmoota nageenyaarratti qorannoo fi qu’annoo taasisuun waltajjii mariilee biyyaalessaa qaxanaa fi idil addunyaa qopheessuun yaada filmaataa dhiheessudha.

Dabalataanis dippilomaatotaa fi qooda fudhattootaaf leenjii kennaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015