Itiyoophiyaa fi Noorweey hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsanii akka ittifufan ibsan

43

Ebla 10/2016 (TOI)- De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Noorweey Steen Kriistensen waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Hojiilee tumsa misoomaa, ijaarsa nageenya waaraa, hojiilee jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi damdamachuu hojjetamanirratti, bulchiinsa qabeenya bishaanii fi ittifayyadama qabeenyota daangaa cehanii ilaalchisuun tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf mariin taasifameera.

De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Noorweey bara dheeraaf Itiyoophiyaa deeggaraa akka turte ibsanii, hariiroo kana sadarkaa caalutti ceesisuuf hojjechuu barbaachisa jedhan.

 Noorweey tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimee akka ittifufus kaasaniiru.

Itti fayyadama qabeenya bishaanii fi jijjiirama haala qilleensaa qolachuurratti hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun ittifufsiisuuf kutannoo Itiyoophiyaan qabdu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.

 Ambaasaaddar Steen Kiriistensen gamasaaniin biyyisaanii keessumaa Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf yaalii taasiftu gama deeggarsa misooma bosonaatiin cimsitee ittifufti jedhaniiru.

Ambaasaaddar Steen Kiriistensen hariiroo biyyisaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu gama hundaanuu cimsitee ittifufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015