Dhaabbileen Barnootaa olaanoon lammileen dhimmoota biyyaalessaa irratti hubannoo waloo akka qabaatan gahee isaanii bahuu qabu

319

Ebla 10/2016(TOI) -Dhaabbileen Barnootaa olaanoon lammileen dhimmoota biyyaalessaa irratti hubannoo waloo akka qabaatan gahee isaanii bahuu akka qaban Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministeerri Nageenyaa '' Gootummaa baraan wal gitu tokkummaa sabdaneesummaaf'' mata duree jedhuun hayyoota Yuunivarsiitii waliin mari'ataa jira.

Waltajji marii kanarratti haasaa kan taasisan deetaan ministira Nageenya doktar Kaayradiin Tazarraa '' mata duree '' Adwaa nageenyaa waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf'' jedhuun Yuunivarsiitoota 40 ol waliinmariin geggeeffamu yaadachiisaniiru.

Mariin kunis eenyummaa waloo, duudhaa waloo fi fayidaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun marii milkaa'aan geggeeffamuu himanii, sosochii gara fuula duraatti geggeeffamuuf galtee guddaan irra argameera jedhaniiru.

''Gootummaa baraan wal gitu tokkummaa sabdaneesummaaf' mata duree jedhuun sosochiin har'a kan ifoomees karaanuma wal fakkatuun akka raawwatamu himaniiru.

Damee hundaa misooma biyyaa fi fayidaa biyyaaleessaaf amanamummaan lammilee hundaarra kan eeggamu ta'uu himanii; keessaayyu kanarratti hayyootarra hojii guddatu eeggata jedhaniiru.

Dhimmoota biyyaa irratti lammileen hubannoo wal fakkata akka qabaatan taasisuu keessaatti dhaabbilee barnoota olaanoorra hojii guddatu eegama jedhaniiru.

Waltajjicharratti sosochii biyyaalessaa'' Adwaa nageenyaa waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf'' jedhuun geggeeffama ture ilaalchisuun gabaasni dhihaatera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015