Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaaf fayidaan isaa guddadha

123

Ebla 10/2016 (TOI) - Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa akka biyyaatti hojjechuu kan jalqabne dijitaala tiransifoormeeshinii fi ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaaf fayidaan isaa guddadha jedhan Itti aanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamasgeen Xurunee.

Obbo Tamsgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin; guyyaa har'aa raawwii hojii sagantichaa kan ji'oota sagalii gamagamuun ji'oota hafanitti waantoota raawwatamuu qaban adda baasneerra jedhaniiru.

Haaluma kanaan bara bajatichaatti waantoota hojjechuuf karoorfaman karaa guutuu ta'e raawwachuu waajjira sagantichaa fi ministirootaa fi hoggantoota dhaabbilee dhimmii ilaallatu waliin wal hubannoon waloo uumameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015