Wixineen labsiin Zoonii Diinagdee Addaa fi fooyya'insa hundeeffama IGAD raggaa'e.

124

Ebla 10/2016 (TOI) - Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii zoonii dinagdee addaa fi fooyya'insa IGAD raggaasiseera.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa bara hojii 3ffaa yaa'ii idilee 21ffaa gaggeesseen wixineewwan lama irratti mari'atee raggaasiseera.

Koreen Dhaabbii Industirii fi Albuudaa akkasuma Daldalaa fi Tuurizimii gabaasaa fi yaada murtoo Zoonii Diinagdee Addaa dhiyeessaniiru.

Wixineen seeraa kun invastimantii biyya alaa hawwachuu, carraa hojii uumuu fi indaastirii omishaa jajjabeessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu gabaasa kana keessatti ibsameera.

Galii sharafa alaa dabaluu, ce'umsa tekinolojii fiduu fi dorgomtummaa idil-addunyaa guddisuu akka danda’us gabaasichaan eerameera.

Koreewwan dhaabbii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun dhimmoota fooyya’uu qaban fooyyessanii manni marichaa labsii kana akka raggaasisu gaafataniiru.

Miseensonni mana marichaa wixinee labsii kanarratti yaadaa isaanii laachuun wixinee labsii zoonii diinagdee addaa raggaasisaniiru.

Manni marichaa gabaasa fi murtoo waliigaltee hundeeffama IGAD fooyyessuuf dhiyaate irrattis mari’ateera.

Labsiin kun bara 1996 irraa eegalee hojiirra ooluu isaa Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimma Nageenyaa ibseera.

Kanaaf haala naannoo fi addunyaa amma jiruun fooyya’iinsa barbaachisaa ta’uu eeruun, manni marichaas dhimmicha irratti gorsa kennuun labsii fooyya’e kana raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015