Waldaan kaansarii Maatiwoos Wanduu waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii kuma 3 ol gargaareera

Ebla 09/2016(TOI)- Waldaan kaansarii Maatiwoos Wanduu waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii kuma 3 ol gargaaruusaa beeksise.

Waldichi waggaa 20ffaa hundeeffamasaa sagantaalee addaddaatiin kabajeera.

Miseensonni waldichaa,fayyadamtoonni waldichaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa waldichaa obbo Wanduu Baqqalaa baatii Fulbaanaa bara 1996daa’imasaanii waggaa afurii Maatiwoos Wanduu dhukkuba kaansarii dhiigaatiin dhabuusaaniirraa ka’uun waldaa kana hundeessuusaanii dubbataniiru.

Daa’imasaanii dhukkuba Kaansariin dhabanis daa’imman biroo dhukkuba kanarraa baraaruu nidandeenya yaada jedhuun waggaa daa’imasaanii dhabanitti Ebla bara 1996 waldaa kana hundeessuusaanii ibsaniiru.

Waldichi waggoota 20 darban dhukkubsattoota kaansarii harka qalleeyyii baasii waldhaansaa deeggaraa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataanis namoonni waa’ee dhukkuba kaansarii fi dhukkubuuta namarraa namatti hindarbinee hubannoo akka qabaatan taasisaa turuu ibsaniiru.

Amma ammaatti dhukkubsattoota kaansarii fi maatiisaanii kuma 3 ol akka deeggare kaasaniiru.

Waldichi yeroo ammaa dhukkubsattoonni kaansarii 170 caalan akka waldhaananam waldhaantotasaanii deeggaraa akka jiran beeksisaniiru.

Maatiin daa’imasaanii waldhaansisuuf Finfinnee dhufanii saganticharratti hirmaatan deeggarsa waldichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Bu’aa bayii tokko malee daa’imasaanii bakka waldichi qopheesse turuun waldhaansisaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015