Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 30ffaa har'a geggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari'achuun murtee dabarseera.

Ebla 9/2016(TOI) -  Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 30ffaa har'a geggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari'achuun murtee dabarseera.

Haaluma kanaan,

1. Jalqaba irratti manni marichaa wixinee labsii hojjettootaa mootummaa federaalaarratii kan mari’ate yoo ta’u, imaammata tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa, walga’ii idilee mana marichaa 29ffaarratti ragga’e bu’uureffachuun raawwiif akka mijatutti kan qopha’e ta’uun ibsameera. 

Dabalataan, wixineen labsichaa labsii bara 2010 hojiirra ooleen adeemsi raawwii isaa ilaalmee hanqinaalee adda baasuun, keessumaa bulchiinsa hojjettoota mootummaa bilisa, walaba, saffisaa, qaqqabamaa fi itti fufiinsa kan qabu, akkasumas, itti gaafatamummaa irratti hanqinaalee mul’atan furuuf, hojmaata yeroo waliin tarkaanfatu diriirsuuf  haala dandeessisuun labsichi qophaa’uun dhiyaateera. 

Haaluma kanaan manni marichaa wixinee labsichaarratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

2. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa ce’umsaa haqaarratti mari’ateera. 

Biyyattitti yeroo garaagaraatti sarbama mirga namoomaa, walitti bu’iinsa, seenessii addaa hinbaafamne fi  miidhaawwan mudataa turan furuuf yaaliiwwan garaagaraa taasifamuun eerameera. 

Ta’us, hojmaata kanneen haqaan, beekumsaan, dhiifamaa fi araaraarratti kan hundaa’ee fi imaammata beekamaadhaan kan hogganamu, tooftaa ce’umsa haqaa hundagaleessa, hirmaachisaa, mirga namoomaarratti xiyyeeffachuun qindoominaan hojiirra waan hinoolleef, furmaata waaraa barbaadamu argamsiisuu akka hindandeenye himameera. 

Kanaaf, adeemsa ce’umsa haqaa karaa gurmaa’een, haala qindaa’ee fi bu’a qabeessa ta’een sadarkaa biyyaalessaatti hogganuu fi hojiirra oolchuun akka danda’amutti wixineen imaammataa qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera. 

Manni marichaas wixinee imaammatichaarrati mari’achuun guyyaa raggaasifamee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015