Itiyoophiyaan egzibiishinii artii idil addunyaa 60ffaarratti hirmaachaa jirti

90

Ebla 09/2016(TOI)- Itiyoophiyaan egzibiishinii artii idil addunyaa 60ffaa magaalaa Veeniisitti adeemsifamaa jirurratti qophiilee qabeenya biyyattii addaddaa beeksisaniin hirmaachaa jirti.

Egzibiishiniin artii idil addunyaa 60ffaa biyya Xaaliyaanii magaalaa Veeneesitti har’a banameera.

Paaviilooniin Itiyoophiyaa seenaa, aadaa fi hawattoota turizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf hojiiwwan artii artistii Itiyoophiyaa beekamaa Tasfaayee Urgeessaa irratti dhihaatan Xaaliyaaniitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaan eebifamee banameera.

Paaviloonii kanarratti kitaaba ida’amuu ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad hirmaattotaaf dhiheessuun yaadamoota bu’uraa ida’amuu badhaadhinaa ilaalchisuun humannoon akka uumamu taasifamuusaa odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Roomitti argamurraa argame nimul’isa.

Dabalataanis sirni Itiyoophiyaatti bunni  danfifamu fi qophiileen duudhaaleen aadaa biyya keenyaa biroo beeksisan dhihaataniiru.

Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa sirna baniinsaarratti haasawa taasisaniin dameelee biyya keenyatti xiyyeeffannoo argatan keessaa Tuurizimiin tokko ta’uu eeranii, hojiileen onnachiisoo damee Kanaan raawwataman  dhihaataniiru.

Kanumaan walqabatee biyyi keenya hojiilee artii fi qabeenya tuurizimiitiin qabduu fi kanneen biroorraa kan adda ishee taasisu ibsuun hirmaattonni biyya keenya akka daawwatan waamicha taasisaniiru.

Egzibiishinichi qophiilee walfakkaatoo addunyaarratti taasifaman keessaa xiyyeeffannoon addaa kan kennamuu fibaatilee jahaaf kan turu ta’uun beekameera.

Haala Kanaan hojiilee artii Itiyoophiyaa, qabeenyota tuurizimii akkasumas duudhaalee keenya aadaa waltajjicharratti beeksisuun guddummaa Itiyoophiyaa addunyaarratti agarsiisuuf carraa kan uume ta’uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015