Bulchaan bulchiinsaa Ordiin Badrii qaamolee ayyaanni Shawaal Iid karaa walooma agarsiisuun akka kabajamu taasisan galateeffatan

98

 

 Ebla 09/2016(TOI)-  Bulchaan bulchiinsaa naannoo Hararii Ordiin Badrii qaamolee ayyaanni Shawaal Iid duudhaa aadaasaa eegee karaa waloomaa fi jaalala agarsiisuun akka xumuramu gumaacha taasisan galateeffatan.

Ayyaanni Shawaal Iid waggaa waggaan dammaqinaan kabajamu yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinaa fi milkaa’ina guddaan xumuramuusaa bulchaan bulchiinsichaa ibsaniiru.

ለMilkaa’ina ayyaanichaaf qooda kan qaban ummata naannichaa, qaamolee nageenyaa fi seera eegsiftootaa, jila naannolee ollaa akkasumas qaamolee gumaacha taasisan biroo maqaa ummataa fi mootummaa naannichaan galateeffataniiru.

Hojiileen misoomaa jalqabaman cimanii akka ittifufan ibsuusaanii odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015