''Hojiiwwaan Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa hojjetu akka milkaa'uuf gahee keenya ni baana''

102

Ebla 9/2016(TOI) - Bu'aa Mariin Biyyaalessaa nageenya, tokkummaa fi misooma biyyaaf qabu hubachuun mikaa'ina isaaf ni hojjenna jedhan naannoo Oromiyaatti bakka buutoonni hawaasa godina Baalee.

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa sadarkaa naannootti hojii ajandaa walitti qabuu yeroo dhihootti jalqabuuf qophiin xumuramuu beeksiseera.

Adeemsa bakka bu'oota kutaalee hawasa ajandaa adda baasuurratti hirmaatan filuu irratti komishinichi hojjete irratti bakka buutoonni hawaasa godina Baalee ajandaa adda baasuu irratti filaman akka himanitti Mariin Biyyaalessaa Komishinichi geggeesuuf jiru akka milkaa'uuf gahee isaanirra eegamu kan bahan ta'uu himaniiru.

Bakka buutoonni hawaasaa kunneen Nageenyii biyyaa keessaayyu dubartoota fayyadamaa kan taasisu waan ta'eef ambaasaaddara nagaa taanee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Adeemsi marichaa hundumaa hirmaachisaa waan taasisuuf milkaa'ina isaafis ni hojjenna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015