Komishinichi bakka bu’oota sadarkaa aanaatti kutaalee hawaasaa addaddaa bakka bu’anii mariirratti hirmaatan adda baasaa jira

435

Ebla 08/2016(TOI)- Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa kilaastara Shaashamanneetti bakka bu’oota sadarkaa aanaatti kutaalee hawaasaa addaddaa bakka bu’anii mariirratti hirmaatan adda baasaa jira.

Komishinichatti qindeessaan garee adda baasaa hirmaataa naannoo Oromiyaa obbo Buzunee Asfaa TOI’f akka ibsanitti, akkaataa karoora komishinichaatiin naannichatti bakka bu’oonni mariirratti hirmaatan adda baafamaa jiru.

Naannoo Oromiyaatti bakka bu’oota kutaalee hawaasaa adda baasuun kilaastara afuritti qooduun hojjetamaa kan ture ta’uu ibsanii, kilaastarri Shaashamannee kan har’aa kun marsaa xumuraa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjii hirmaattota mariirratti hirmaatan adda baasuu kanarratti bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa aanaalee godina Gujii 11 irraa walitti dhufan kuma 1 ol hirmaachaa akka jiran eeraniiru.

Yeroo ammaa maalummaa fi barbaachisummaa marii biyyaalessaa akkasumas adeemsa filannoo ilaalchisuun ibsi hubannoo kennu hirmaattotaaf taasifamaa jira.

Kaayyoon waltajjichaa namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatan “adda baasuu” hammataa fi hirmaachisaa akkasumas adeemsasaarratti hundi kan irratti waliigalee fi amanamaa akka ta’u dandeessisuuf ta’uu himaniiru.

Waltajjiin har’a magaalaa Shaashamanneetti jalqabame amma Ebla 11 bara 2016tti akka turu dubbataniiru.

Akka obbo Buzunaan jedhanitti, godinaaleen kilaastara Shaashamannee keessatti argaman Baalee, Baalee Bahaa, Boorana, Boorana Bahaa Gujii fi Gujii Bahaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015