Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa barressaa olaanaa Dhaabbata qindoomina Kibbaa waliin mari'atan

120

Ebla 8/2016(TOI) - Deetaan Ministira Dhimma Alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa barressaa olaanaa Dhaabbata qindoomina Kibbaa Sheek Mansuur Biin Musisalaam waliin har'a wajjira isaaniitti mari'atan.

Marichiis walitti dhufenya dhaabbatichaa fi Itoophiyaa jidduu jiru cimsuu fi haala dhaabbata qindoomina Kibbaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuun danda'amurratti kan xiyyeffatedha jedhameera.

Teessoo isaa Finfinnee kan taasifate dhaabbatichi beekumsa maddisiisuu fi sirni barnoota hirmaachisaa ta'e akka ijaaramu sadarkaa idil addunyaatti hojjechaa jirachuun eerameera.

Dhaabbatichi biyyoota miseensoota hammattu Kibba Kibbaa jiddutti barnoota, tekinika fi gargarsa maallaqaa uumuuf tajaajila jirachu beeksisuu isaa odeeffannoo Ministeera dhimma Alaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015