Jarman Hoospitaalota saddetiif deeggarsa meeshaa waldhaansaa Yuuroo miiliyoona 3 tuqaa 6 taasifte

309

Ebla 08/2016(TOI)- Mootummaan Jarman karaa baankii misoomaa Jarman Hoospitaalota barumsi itti kennamu saddetiif deeggarsa meeshaa waldhaansaa Yuuroo miiliyoona 3 tuqaa 6 taasise.

Meeshaaleen kunneen bakka hooggantoonni ministeera barnootaa fi fayyaa, bakka bu’aan misooma baankii Jarman, embaasiin Jarmanii fi hooggantoonni Hoospitaalotaa argamanitti walharkaa fuudhinsi taasifameera.

Deeggarsi kun Hoospitaala Ispeeshaalaayizedii Xuquranbassaa, hoospitaala rifaraalaa Dilcoorraa, hoospitaala rifaraalaa Adaamaa, Hoospitaala rifaraalaa Dasee, Hoospitaala rifaraalaa Falagahiywoot, jiddugaleessa meedikaalaa hoospitaala Jimmaa, Hoospitaala rifaraalaa Ayidarii fi hoospitaala rifaraalaa Arbaaminciif taasifame.

Dabalataanis leenjiin gabbisa dandeettii fi deeggarsi teekniikaa hoospitaalota kanneeniif akka taasifamu ibsameera.

Jarman dameewwan addaddaarratti Itiyoophiyaa deeggaraa akka jirtu kna ibsame yoo ta’u, fuulduras deeggarsa taasiftu cimsitee akka ittifuftu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015