Beekumsii fi Ogummaan Hararii daangaa ce'uun hamabaa uummataoota addunyaa ta'eera.

40

Ebla 8/2016(TOI) - Bu'aan beekumsaa fi Ogummaa Hararootaa daangaa ce'uun hamabaa uummataoota addunyaa ta'eera jedhan Ministirri Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasa.

Naannoo Harariitti sirni bannisa ayyaana Iida Shawaal geggeeffameera.

Sirna kanarratti kan argaman Ministirri Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa bu'aan beekumsaa fi Ogummaa Hararootaa daangaa ce'uun hamabaa uummataoota addunyaa ta'eera jedhaniiru.

Harariiwwaan seenaa boonsaa qaban cinaatti fakkeenya nageenyaa fi jaalalaati jedhaniiru.

Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)n hambaa addunyaa ta'ee kan galmaa'ee ayyaanni Iida Shawaal ayyaana jaalalaa ta’uu ministichi ibsuun baga ittiin sin gahe jedhaniiru.

Aadaa fi ogummaawwaan keenya boonsaa ta'an kununsuu, eeguu fi dhalootatti dabarsuurratti hojiiwwan hojjetamanirratti qaamoleen qooda fudhatoonni hundi qindoominaan hojjechuu qabus jedhaniiru.

Sirna kanarratti kan argama ministirri Turizimii ambasaaddar Naasisee Caalii gama isaaniin Itoophiyaan qabeenya turizimii aadaa,seenaa fi qabeenya uumamaa ta'an hedduu qabdi jedhaniiru.

Damicharra fayidaa dinagdee fi hawaasummaa argamu guddisuu barbaachisaa ta'uu eeranii; kanaafis mootummaan damichaa bu'uura badhaadhinaa tokko taasisuun xiyyeeffannoon irratti hojjechaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015