Magaalaa Harariitti ayyaana Shawaal Iid sababeeffachuun agarsiifni fi festivaalli qophaa'e baname.

10

Ebla 8/2016(TOI) - Magaalaa Harariitti ayyaana Shawaal Iid sababeeffachuun agarsiifni fi festivaalli qophaa'e baname.

Agarsiisaa fi festivaala kanarratti pirezidaanitii naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii Ministira aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa fi minitira turizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii argamaniiru.

Akkasuma ambaasaaddaroonnii, Ministiroonnii, ministiri deetaawwanii, hoggantoonni hojii mootumma federaalaa fi naannoolee adda addaa, akkasuma abbootiin gadaa fi keessuummoonni biroon sirna banissa kanarratti argamaniiru.

Agarsiisaa fi Festivaala kanarratti naannoolee oollaa fi gareen aadaa Argobbaa akkasuma waldaaleen oomishitoota waantoota aadaa fi faayaa hirmaataniiru.

Agarsiifinii fi feestivaalli Shawaal iid sababeeffachuun qophaa'e kun walitti dhufeenya saba fi sablamootaa cimsuu keessaatti gahee kan qabu ta'uu hogganaan Biiroo aadaa, turizimii fi hambaalee obbo Tawaaladee Abdoosh himaniiru.

Agarsiifnii fi festivaalli kun mata duree ''Ayyaana Shawaal iid tokkummaa sabdaneesuummaa fi guddina turizimiif'' mata duree jedhuun kan qophaa'e yoo ta'u guyyaa lamaaf kan turudhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015