Wixineen labsii “sirna kabaja ayyaanaafi ayyaana ummataa” waliin jireenyaa hawaasaaf faayidaa olaanaa akka qabu himame.

428

Ebla 7/2016(TOI) - Wixineen labsii “sirna kabaja ayyaanaafi ayyaana ummataa” waliin jireenyaa hawaasaf faayidaa olaanaa akka qabu himameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreewwan  Dhaabbii dhimmoota Aadaafi Ispoortii,misooma hawasummaa, Fayyaafi, Koreen Dhaabbii Haqaafi seeraa wixinee labsii kanairratti qooda fudhattoota garaagaraa walin mari’ataniiru. 

Wixineen labsii kun faayidaafi mirgaa Itiyoophiyaa kan kabachiisu, walitti bu’iinsaafi walii galtee dhabuu guyyoota ayyaana hambisuuf karoorfame qophaa’a jiraachuu koreewwan dhaabbii kunneen himaniiru.

Akkasumas wixineen labsichaa yoo beekamtii seeraa qabaate waliin jireenyaafi waliif yaaduu uummataaf faayidaa guddaa qabas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015