Hanga ammaatti Seeftineetii misoomaa marsaa 2ffaan lammileen kuma 222 fayyadamoo ta'aniiru.

44

Ebla 7/2016(TOI) - Finfinneetti hanga ammaatti Seeftineetii misoomaa marsaa 2ffaan lammileen kuma 222 fayyadamoo ta'aniiru jedhame.

Sagantaan seeftineetii misoomaa magaaloota jiruu fi jireenya lammilee karaa waaraa ta'een fooyyesuu kaayyeffatee kan hojjetuu fi  pirojeektii Baankii Addunyaan deeggaramu ta'uun ni beekama.

Keessayyuu jireenya lammilee magaalaa Finfinneetti daandiirra jiraatanii jijjiruu, carraa hojii uumuu fi galii argamsiisuuf pirojeektii hojjetamu yoo ta'u raawwiin marsaa jalqabaa xumuramee marsaan lammaffaan immoo hojiirra jira.

Hojii pirojeektii kanaaf deeggarsa maallaqaa biyyoota taasisaa jiran keessaa Kanaadaa fi Deenmaarki kan eeramanidha.

Miseensoonni jila biyyoota lamaanii Finfinnee kutaa magaalaa Gullalleetti argamuun qaama pirojeektichaa kan ta'e hojii misooma yaa'a lageenii daawwateera.

Daawwannaa isaanii fayyadamtoota pirojeetichaa waliin kan mari'atan yoo ta'u haala deeggarsi cimee itti fufu irrattis qaamolee dhimmi ilaallatu walii  mari'ataniiru. 

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Seeftineetii misooma magaala fi qindeessaa hojii pirojeektii Tamsgeen Mulu'aleem pirojeektichi gama jireenya lammilee fooyyessuun milkaa'adha jedhaniiru.

Hojiin pirojeekticha kan marsaa jalqabaa bara 2014 xumurame lammikee kuma 400 fayyadamoo taasisuu himaniiru.

Bara bakata 2015tti dargaggoota kutaa 12tti barnoota adda kutanii fi umuriin isaanii waggaa 18 hanga 24 ta'an kuma 5 leenjiin hojii kennamuun harki 84 fayyadamoo carraa hojii uumamee ta'aniiru jedhaniiru.

Bara bakataa kana dargaggoota kuma 15 leenisuun gara hojiitti galchuuf karoorfamee hanaga ammaatti kuma 14 leenjifamaa jiru jedhaniiru.

Waliigalaan hanga ammaatti Seeftineetii misoomaa marsaa 2ffaan lammileen kuma 222 fayyadamoo ta'aniiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015