Tarkaanfiin garee shororkeessaarratti fudhatamu cimee ittifufuun ibsame

309

Ebla 07/2016(TOI)- Tarkaanfiin raayyaan naannoo Oromiyaa godina Wallagga bahaatti qaxanichatti argamu garee shororkeessaarratti fudhachaa jiru cimee ittifufuunsaa ibsame.

Odeeffannoo fuula marsariitii raayyaa ittisaarraa argame akka mul’isutti tarkaanfiin raayyaan ittisaa naannoo Oromiyaa qaxanaa godina Wallaggaa Bahaatti argamu jidduu kana fudhateen gareen shororkeessaa kasaaraa namaa fi meeshaan akka irra gahe ajajaa jiddugaleessaatti ajajaan kutaa waraanaa tokkookoloneel Abbaayinee Asmaamaawu dubbataniiru.

Koloneel Abbaayineeh akka dubbatanitti, miseensonni raayyaa kutaa waraanichaa qaxanaa kutaan waraanaa  jidduu kana itti bobba’e aanaalee fi gandoota godina Wallaggaa Bahaatti garee Shaneerratti kasaaraa namaa fi meeshaa irraan gahaniiru.

Raayyaan ittisaa hamilee fi onnee olaanaan ergamasaa bahaa akka jiru dubbatanii, qaxanaa itti bobba’e godina Wallaggaa Bahaa iddoowwan Jimmaa Arjoo fi Agaloo akkasumas gGudayyaa Biilaa jedhamanitti boobbaatii taasifameen miseensota garee shororkeessaa saddet booji’uun kudha lama ammoo karaa nagaa harka kennachuusaanii ibsaniiru.

Duula Kanaan Matirayyasii 1, Kilaashii 8 fi rasaasota hedduu garee shororkeessaa kana harkaa fudhachuu beeksisaniiru.

Raayyaan kutaa waraanichaa karaa ofeeggannoo qabuun garee shororkeessaa kana qaxanicha keessaa baasuu fi hidhattoota karaa nagaa harka kennatan ofitti fudhatee deeggarsa akka taasisu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015