Jeneraal Ababaawu Taaddasaa haala nageenyaa yeroo ammaa ilaalchisuun komaand poostii jiddugaleessa Shawaa waliin mari’atan

161

Ebla 07/2016(TOI)- Ittaanaan etaamaajoor shuumii waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa haala nageenyaa naannoo Amaaraa sablammii Oromoo fi godina Shawaa kaabaa yeroo ammaa akkasumas kallattii fuulduraarratti komaand poostii jiddugaleessa Shawaa waliin mari’ataniiru.

Ittaanaa etaamaajoor shuumii kun komaandi poostiin jiddugaleessa Shawaa shororkeessaa Shanee fi humna finxaalessaa Faannoo ofiin jedhu dugugguruusaa cabsuun godina lamaanittuu nageenyi dhufaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Jeneraal Ababaawu Taaddasaa hoogantoota olaanoo komaandi poostii jiddugaleessa Shawaa fi  qaamolee bulchiinsaa godinoota lamaanirraa walitti dhufan waliin magaalaa Kamiseetti marii taasisaniin humni finxaalessaa Finfinnee jeequuf naafmijata jedhee humna qaba jedhu godina Shawaa kaabaa keessatti galchee akka ture yaadachiisaniiru.

Tarkaanfii hatattamaa komaandi poostiin jiddugaleessa Shawaa finxaaleyyoota godinoota lamaanii afaan lachuu dubbatan rukutuun abdii biyya jeequuf qaban maseensuun bu’aa qalmeessisuu ibsaniiru.

Hooggantoota humna finxaalessaa addaan citanii laga keessa dhokatanii jiran duguuguun cimee itti fufuu akka qabaatu hubachiisaniiru.

Walitti qabaa Komaandi poostii jiddugaleessa Shawaa fi ajajaan komaandoo fi loltuu qilleensarraa letenaal jeneraal Shuumaa Abdataa finxaaleyyoota humnoota lamaanii naannoo Amaaraa sablammii Oromoo fi godina Shawaa kaabaa nageenya biyyaa laaffisuun wabii nagaan jiraachuu ummataa dhabsiisuuf karaa sirrii ta’een rukuchuun ergama badii isaaniikolaasuun akka danda’ame ibsaniiru.

Komaandi poostichi hojii oppireeshiniin cinaatti humna nageenyaa naannichaa cimsuu fi gurmeessuu hojjechuusaa yaadachiisanii, yeroo ammaa naannoo lamaanittuu humni gufuu nageenyaa ta’u akka hinjirre mirkaneessaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa humna ummataa ofii aarsaa ta’ee lammiilee jiraachisu ta’uu yaadachiisuun nageenya godinasaaniitti argameef aarsaa raayyaan kaffalee fi bu’aa olaanaa argameef kabaja akka qaban hirmaattonni ibsaniiru.

Ummanni keenya shira finxaalessootaa sirriitti waan hubateef nutis taanu ummanni keenya raayyaa keenya cinaa waan taaneef harcaatee humna kanaa balleessuuf ammanatti rakkisa akka hintaane amantaa qaban ibsaniiru.

Xumurarrattis naannoo Amaaraatti godinni sablammii Oromoo nageenyaa fi  tasgabbii galmeessisaniif beekamtii kennuun hooggantoota raayyaaf badhaasa addaa galata waliin gumaachuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015