Mootummaan Jaappaan Konkolaattota 12 komishinii marii biyyaaf deeggarsaan kenne

96

Ebla 07/2016 (TOI)- Mootummaan Jaappaan Konkolaattota 12 komishinii marii biyyaaf deeggarsaan kenne,

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Siibaataa Hiironoorii deeggarsa konkolaataa kanakomishinara olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaaf kennaniiru.

Komishinarri olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa proofeesar Masfin Ar’ayaamarii,  mariin biyyaalessaa kun bu’aqabeessaa fi milkaa’aa akka ta’u komishinichi qooda fudhattoota addaddaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Konkolaattonni mootummaa Jaappaanirraa deeggarsaan argaman, hojiilee dirree komishinichi naannolee addaddaatti taasisu si’achiisuuf nigargaara jedhan.

Itiyoophiyaan dhimmoolee biyyaa bu’ura jedhamanirratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf marii biyyaalessaa adeemsisuuf qophii taasisaa akka jirtu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Shiibaataa Hiironorii gamasaaniin Jaappaan deeggarsa taasiftu cimsitee ittifufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015