Yaa’iin marii dhaabbilee amantaa idil addunyaa lammaffaan jalqabame

52

Ebla 07/2016(TOI)- Yaa’iin marii dhaabbilee amantaa idil addunyaa lammaffaan Finfinneetti jalqabameera.

Hooggantoonni amantaa, hooggantoonni mootummaa olaanoon, ambaasaaddaroonni, bakka bu’oonni Afriikaa fi addumyaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Kaayyoon olaanaa yaa’ii kanaa marii sadarkaa ardii fi idil addunyaatti, nageenyaa fi misooma mirkaneessuu, kabaja namoomaa eeguu, naannawa eeguu, dubbii jibbiinsaa fi jibbiinsa hinjirree waliin ittisuuf taasisuu akka ta’e ibsameera.

Yaa’iin kun gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa dhaabbilee tumsitootaa biroo waliin To’annaa olaanaa pirezidaantii RDFI Saahilawarq Zawudeen kan qophaa’e yoo ta’u har’aa fi Boru ni’adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015