Leenjiin tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa dargaggootaf kennamu tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuu keessatti fayidaa guddaa qaba

349

Leenjiin tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa dargaggootaf kennamu tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuu keessatti fayidaa guddaa qaba

Ebla 6/2016(TOI) - Leenjiin tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa dargaggootaf kennamu tokkummaa biyyaalessaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuu keessatti fayidaa guddaa qabaachuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Yuunivarsiitiin Jimmaa Ministeera Nageenyaa waliin ta'uun "Gaarummaa waloomaaf" mata duree jedhuun leenjiin tajaajila tola ooltummaa hawaasummaa dargaggootaa yuunivarsiitii Jimmatti jalqabsiiseera.

Leenjichi yeroo salgaffaaf kan kennamu yoo ta'u  dargaggoonni naannolee adda addaa irraa dhufan 1500 leenjicharratti ni hirmaatu jedhameera.

Sirna jalqabii leenjichaarratti kan aegaman sadarkaa deetaa ministira Nageenyaatti gorsaan ministirichaa obbo Kaaydaak Gazaany  ministeerichi Yuunivarsiitiiwwan adda addaa waliin ta'uun dargaggoota hojii tajaajila tola ooltummaa irratti bobba'aan leenjisaa jira.
 
Haaluma kanaan kanan dura sadarkaa biyyaatti dargaggoota kuma 46 ol leenjisuun naannawwaa biyyatti adda addaatti tajaajila tola ooltummaa irratti bobba'anii jiru jedhaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan waliin ta'uun leenjiin dargaggootaaf kennamu kun tokkummaa biyyaa cimsuu fi waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu keessatti fayidaan qabu olaanaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015