Hojiin oomisha dhaala leemaataan jalqabame bu’aa agarsiisaa jira

334

Ebla 05/2016(TOI)-Hojiin dhaala leemaataan magaalaa Hawaasaatti keessumaa oomisha buuphaa fi aannaniin hojjetamaa jiru bu’aa agarsiisaa akka jiru ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsi naannoo obbo Gabramasqal Caalaa ibsan.

Hojiin dirree dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa magaalaawwan addaddaatti geesise hir’isuun gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran qorachuuf taasifamaa jiru ittifufuun hojiin oomisha dhaala leemataa nannoo Sidaamaatti jalqabame bu’aa agarsiisaa akka jiru ibsameera.

Naannoo Sidaamaatti hojiin gandoota handaanqoo 869 fi mooraa manneen jireenyaatti guyyaatti buuphaa miiliyoona 4 ta’u oomishuun nannicharra darbee Finfinnee, Dirreedawaa, Bahaardaarii fi Jigjigaatti akka raabsamudaawwannaa Kanaan hubatamuusaa odeeffannoon ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo nimul’isa.

Gatiin nyaata lukkuu dabalaa dhufuunii fi walitti hidhamiinsa gabaa amma barbaadamu taasifamuu dhabuun yaaddoo akka itti uume oomishtoonni ibsaniiru.

Abbaan jiddugaleessa aannan qoodu dhaala leemataa Tufaa Dooyichaa magaalaa Hawaasaa saawwan aannanii 80’n guyyaatti aannan liitira 400 oomishaa akka jiran eeraniiru.

Magaalicha iddoo aannan itti gurguramutti hawaasaaf gurguraa akka jiran ibsaniiru.

Xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa damee kanaaf kennetti akka gammadan himaniiru.

Obbo Gabramasqal Caalaa daawwannaa Kanaan bu’aan buuphaa fi oomisha aannaniin argame akka isan gammachiise dubbataniiru.

Walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuu fi rakkoo nyaata loonii fi handaanqoo furuuf kanneen dandeettii qaban oomisha nyaataarratti akka bobba’an kallattii kaa’uunsaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015