Abbootiin olaanoo gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa jiddugaleessota turtii maanguddootaa fi waldhaansa daa’immanii daawwachaa jiru

369

Ebla 05/2016(TOI)- Abbootiin gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa olaanoon Finfinneetti jiddugaleessota turtii maanguddootaa fi waldhaansa daa’immanii filataman daawwachaa jiru.

Abbootiin olaanoo gumichaa sagantaa Kanaan Hoospitaala walii gala Itiyoo-Istaanbul daawwataniiru.

Paatiriyaarkiin bataskaana tawaahidoo Ortodkosii qulqulluu abuna Maatiyaas, pirezidaantiin mana maree waliigala dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Haajii Ibraahiim Tufaa, phaaphaasiin phaaphaasotaa  bataskaana Kaatolikii Kaardinaal Birihaane Iyyesuus Suraafeel fi keessummoonni waamaman saganticharratti hirmaachaa jiru.

Hojiigaggeesaan olaanaa Hoospitaala waliigalaa Itiyoo-Turki Birhaan Tadlaa, daa’imman rakkoo onnee qaban kutaalee biyyattii  addaddaarraa dhufaniif waldhaansa onnee kennaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajilli kun kanneen Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Xuqur Anbassaarraa darabeesaaniitiin dhufaniif akka kennamu ibsanii, tajaajila Kanaan lubbuu daa’immanii baraaraa akka jiru dubbataniiru.

Pirezidaantiin waldaa onnee Itiyoophiyaa Indaalee Gabree, namoonni kuma 16 baqaqsanii suphuu onnee taasisuuf darabee eegaa akka jiran ibsaniiru.

Hoospitaalli Itiyoo Istaanbul gumaacha waldhaansa onnee taasisaa jiruuf galateffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015