Hojiileen misoomaa qindaa’aa Gullallee namooda hedduu fayyaduun boqonnaa jireenyaa haaraa kan bananidha-Kantiibaa Adaanech Abeebee

94

Ebla 05/2016(TOI)- Hojiileen misoomaa qindaa’aa Gullallee namooda hedduu fayyaduun boqonnaa jireenyaa haaraa kan bananidha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojiilee misoomaa qindaa’aa kutaa magaalaa Gullalleetti ijaaraman eebbisanii hojii jalqabsiisaniiru.

Hojiileen misoomaa kunneen mana jireenyaa, warshaa biddeenaa, oomisha aannanii, jiddugaleesa nyaataa akkasumas daandii ofkeessaa qabu.

Hojiileen misoomaa qindaa’oon kunneen lammiilee hedduuf keessumaa haadholii sadarkaa jireenyaa gadaanaarra jiran fayyadamoo akka taasisan ibsameera

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, waadaa galle hunda hojiirra oolchuuf ciminaan hojjechaa jirra jedhaniiru.

Hojiilee bulchiinsa magaalichaatti nisooma egeree fidan akkasumas rakkoo har’aa furuu danda’an hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Hojiileen jireenya haadholii jijjiiran addaddaa Finfinneetti hojjetamaa akka jiran eeranii, hojiileen misooma qindaa’aa Gullalleetti hojjetamaa jiran kanaaf agarsiiftuudha jedhaniiru.

Pirojektoonni kunneen bulchiinsa magaalaa fi deeggarsa dureeyyiirraa argameen kan hojjetamanidha jedhan.

Hojiin kun cimee akka ii fufu ibsanii, misoomicha kan egeree taasisuuf tumsi jalqabame cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hojii gaggeessaan kutaa magaalaa Gullallee Waldee Wageessee gamasaaniin, pirojektoonni kunneen dubartoota, haadholii fi dargaggoota  kan fayyadanidha jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alqaadir, hooggantoota olaanoo  bulchiinsa magaalichaa dabalatee keessummootti waamaman sagantaa eebbaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015