Ministeerri qonnaa tarsiimoowwan biyyaalessaa sirna nyaataa fooyyessuuf gargaaran sadii ifoomse

74

Ebla 05/2016(TOI)- Ministeerri qonnaa tarsiimoowwan biyyaalessaa sirna nyaataa fooyyessuuf gargaaran sadii ifoomse.

Sagantaan tarsiimoowwan sadarkaa biyyaalessaatti beeksisuuf qophaa’e Finfinneetti taa’amaa jira.

Tarsiimoon nageenyii fi qulqullinni nyaataa biyyaalesaa oomishaalee qonnaadursaaf, tarsiimoon kunuunsa oomishaan duraa fi tarsiimoon sirna nyaataa qophaa’anii hojii jalqabuunsaanii ifoomeera.

Ministirri qonnaadoktar Girmaa Amantee wayita kanatti akka jedhanitti,guddina waliigalaa biyya tokkoof dhaloota fayyaalessaa fi oomishaa ta’e uumuun dirqama ta’a.

Haala Kanaan mootummaan karoorota sirna nyaataa fi qabiyyee nyaataa jiddugaleessa godhatan bocuun damee qonnaan hojiilee wabii nyaataa mirkaneessan hojeessaa jira jedhan.

Haata’u malee hanqina wabii sirna nyaataa sirreessuuf qisaasa nyaataa hir’isuu, qulqullinaa fi nageenya oomishaa eeguurratti xiyyeeffachuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan akkaataa kunuunsa oomishaan duraa damee qonnaa fooyyessuun, qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa caalaatti fooyyessuun kallattiiwwan dursi kennameef akka ta’an eraniiru.

Ministeerri qonnaa qooda fudhattoota waliin ta’uun tarsiimoo oomishaalee qonnaa nageenyaa fi qulqullina nyaataa dursaa, tarsiimoo kunuunsa oomishaan duraa oomishaalee qonnaa fi tarsiimoowwan nyaataa sirna nyaataarratti xiyyeeffatan qopheessuusaa ifoomseera.

Tarsiimichi cehumsa sirna nyaataa Itiyoophiyaa mijeessuun gumaacha guddaa akka taasisu eeranii, raawwiisaaniif qaamoleen qooda fudhattootaa qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015