Kantiibaa Adaanech Abeebee hojiilee misoomaa qindaa’aa kutaa magaalaa Gullalleetti ijaaraman eebbisanii tajaajila eegalchiisan

66

Ebla 05/2016(TOI)- Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojiilee misoomaa qindaa’aa kutaa magaalaa Gullalleetti ijaaraman eebbisanii tajaajila eegalchiisan.

Hojiileen misoomaa kunneen mana jireenyaa, warshaa biddeenaa, oomisha aannanii, jiddugaleesa nyaataa akkasumas daandii ofkeessaa qabu.

Hojiileen misoomaa qindaa’oon kunneen lammiilee hedduuf keessumaa haadholii sadarkaa jireenyaa gadaanaarra jiran fayyadamoo akka taasisan ibsameera.

Warshaan biddeenaa qaama hojiilee misoomaa qindaa’aa ta’e magaalattiitti guddinaan kan lammataa yoo ta’u haadholii hedduu kan fayyadudha.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee pirojektoota ijaaruun namoota hedduu fayyadamoo taasisuunsaa niyaadatama.

Hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee, hooggantoonni kutaa magaalaa Gullallee fi qooda fudhattoonni biroon sagantaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015