Waliigalteen naannaawwaa Kuusaa humnaa elektiriirra fageenya qaban fayyadamoo tajaajila elektirikii taasisu mallatteeffame.

50

Ebla 4/2016(TOI) - Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa fi Kamapaanii soolishinii tekilojii Hewaawee waliin waliigaltee naannaawwaa kuusaa humna elektirikiirraa fagoo ta'an fayyadamoo taasisu har'a mallatteesse.

Waliigalteen kunis Tajaajilli Elektirii Itoophiyaa Kampaanii Soolushinii tekinolojii Hewaawee waliin qindoominaan hojjechuuf kan dandeesudha jedhameera.

Waliigaltichas kan mallatteessaan hoji geggeessaa olaanaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa Shifarraawu Taliilaa fi Kampaanii Soolushinii tikinolojii Hewaaweetti hoji geggeessaa Biiroo Itoophiyaa Miishaahil Liyuudha.

Waliigalteen kun naannawwaa kuusaa humna elkitirii muummeerraa fagoo ta'an filannoo ''Oof gaardiin'' fayyadamoo tajaajila humna elektirikii taasisuuf, Siiystema Baatirii Chaarji gochuu Konkolaatota humna elektirikiin hojjetanii fi tekinolojiiwwaan adeemsa hojii tajaajilichaa ammayyeessaan irratti waliin hojjechuuf kan dandeesisudha jedhameera.

Dabalataan tajaajila si'ataa taasisuuf fi ce'umsa tekinolojii ariifachiisuuf fayidaa olaanaa kan qabu ta'uu odeeffannoon Tajaajila Elektirikii Itoophiyaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015