Hoogganaa fi miseensota Finxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatame

299

Ebla 04/2016(TOI) - Hoogganaa fi miseensota Finxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatamuusaa poolisiin Finfinnee beeksise.

Hoogganaa finxaaleyyii fi miseensi garichaa tokko yoo ajjeefamantokko to’annaa jala ooleera.

 Miseensa garee  finxaaleyyi kan ta’an Naahusannaay Andaargee Taarragany, Gaashaawu Abaatee fi Habtaamuu Andaargee Tasamaa jedhaman magaalaa Finfinneetti haleellaa shororkeessaa raawwachuuf ergama fudhataniisocho’aa akka jiran qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaniin akka bira gahame beekameera.

Miseensonni poolisii finxaaleyyiin kunneen ergamasaanii osoo hinbahiin to’achuuf hordofaa osoo jiranii Ebla 4 bara 2016 kutaa magaalaa Boolee aanaa 3 bakka naannawa galma miliniyeemii finxaaleyyiin harka akka kennatan gaafatamanis fedhii waan hinargisiifneef konkolaataa ayisuuzuu Diizaayer lakkoofsa gabatee koodii 2C 14373 AA fayyadamuun miseensota poolisiirratti dhukaasa waan bananiif gaggeessaa finxaaleyyii Naahusannaay Andaargee Taarragany madaa’ee waldhaansaaf erga ergamee booda yoo du’u finxaalessaa Habtaamuu Andaargee Tasammaa dhukaasa jidduutti ajjeefamuunsa ibsameera.

Miseensi garichaa Abeenezeer Gaashaawu Abbaat jedhamuun beekamu osoo hinmadaa’iin to’atamuusaa poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Finxaaleyyoota to’annaa jala oolchuuf sochii taasifameen Saajiin Araarsaa Tashoomee fi konistaabil Maatiyaas Pheexiroos wayita madaa’an namni obbo Indaashaaw Geetinnat jedhaman Finxaaleyyiin konkolaataasaaniitti akka isaan fe’an dirqisiisaniyyuu namoonni kun diduusaaniitiin miseensota finxaalessaan ajjeefamaniiru.

Konkolaataan lakkoofsa gabatee koodii 2 AA 80457 kan obbo Indashaawu oofaa turan rasaasaan rukutamtee akka miidhamte poolisiin Finfinnee ibseera.

 Poolisiin odeeffannoo irra qaqqabe fuuldura akka ibsu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015