Oomishoota paarkiiwwan industirii keessatti oomishamaniif gabaa biyya alaa dabalataa barbaaduuf hojjetamaa jira

48

Ebla 04/2016(TOI)- Oomishoota paarkiiwwan industirii keessatti oomishamaniif biyyoota addaddaatti gabaa biyya alaa dabalataa barbaaduuf qoodafudhattoota waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru korporeeshiniin misooma paarkiiwwan industirii beeksise.

Korporeeshinichattiittaanaan hojii raawwachiisaa invastimant piroomooshinii fi damee maasrkeetiingii Zaman Junaddiin TOIf akka ibsanitti, dirree invastimantii mijaawaa uumuuf hojjetamaa jira.

Kana cinaattis kaampaanota biyya alaa paarkiiwwan industirii keessatti hirmaatan dabaluuf komishinii invastimantii fi qooda fudhattoota biroo waliin hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Hariiroo biyyoota waliin taasifamuun komishinii invastimantii, ministeera industirii fi ministeera dhimma alaa waliin tumsa tarsiimawaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan invastimantiin kallattii biyya alaa iddoo walfakkaaturraa ture baay’isuu fi filmaatota haala qabatamaa addunyaa hubannaa keessa galche kkanneen biroo barbaadamaa  jira jedhaniiru.

Invastimantoota gurguddoo jiddugaleessa bahaa, Afriikaa, Issiyaa fi Ameerikaa Kibbaa jiru Itiyoophiyaa akka dhufan gochuuf xiyyeeffatamuu himaniiru.

Kana cinaattis oomishoota paariiwwan industirii keessatti oomishamaniif biyyoota addaddaatti gabaa dabalataa barbaduu fi kaampaaniiwwan paarkii kana keessa hojjetan cimsuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Yeroo ammaa biyyoonni ummata fi hawaasa shamataa hedduu qabanii kanneen akka Naayijeeriyaa fi Afriikaa kibbaa dandeettiin bituuf qaban ilaalamaa akka jiru dubbataniiru.

Embaasonni Itiyoophiyaa biyyoota addaddaa keessa jiran haala invastimantii Itiyoophiyaa keessa jiru beeksisuun korporeeshinicha waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Korporeeshinichi gabaasa walakkaa waggaa bara 2016 irratti dureeyyiin doolaara miiliyoon 213 tuqaa 9 ol galmeessisan 23  waliigaltee mallatteessanii hojii jalqabuuf adeemsarra akka jiran ibsera.

Oomishoota bakka bu’an kan birrii biiliyoona 8 tuqaa 6 baasan gabaa biyya keessaaf dhiheessuun dhiibbaa sharafa alaa hir’isuun akka danda’amee fi lammiilee kuma 28 ol ta’aniif carraan hojii dhaabbataan uumamuusaa gabaasasaatiin beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015