Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qaba

780

Ebla  04/2016(TOI)- Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoon hojjecha akka jiru ibse.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Roland Koobiyaa fi gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Peereez guyyaa Awuraappotaa bara faranjootaa Caamsaa 9 kabajamu ilaalchisuun waliin ibsa kennaniiru.

Ambaasaaddarri gamtaa Awuooppaa Roolaand Koobiyaa ibsa kennaniin waggoota 74 duraa kaasee gamtaa Awurooppaa hundeessuuf biyyoota Awurooppaa muraasa jidduuttiwaliigalteen tumsaa taasifamuusaa yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa gamtaan Awurooppaa qindoomina siyaasaa fi dinagdeetiin biyyoota 27 ofialatti hammateera jedhan.

Gamtaan Awurooppaa hojiirra oolmaa deddeebisa paaspoortii bilisaa fi maallaqa waliinii fayyadamuu dabalatee sadarkaa tumsa egeree hundagaleessa biyyoota jidduutti uumerra gaheera jedhan.

Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addaddaa waliin hariiroo tumsaa egeree fi qajeelfamarratti hundaa’e cimsee kan ittifufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota tumsisootaa tarsiimawaa gamtichaa murteessoo ta’an  keessaa idhee tokko ta’uushee eeranii, dameewwan siyaasaa fi dinagdeen tumsa cimaa uumuusaanii kaasaniiru.

Gama tumsa dinagdee fi daldalaan waliigalteewwan damee dhuunfaa gabbisuuf taasifaman hedduun hojeeffamuusaanii dubbataniiru.

Barnoota, fayyaa, eegumsa mirga namoomaa fidhimma godaantotaarratti tumsaan hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Awurooppaan alergii Itiyoophiyaa harka 20 akkasumas madda oomishoota alaa galan ishee lammaffaa ta’uu kaasaniiru.

Gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Pereez, gamtaan Awurooppaa fi Afriikaan gama dinagdee, nagaa fi tasgabbii akkasumas hojiiwwan misoomaa namarratti xiyyeeffataniin tumsaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Gama daldalaa fi invastimantiinis kaampaaniiwwan biyyoota miseensota gamtaa Awurooppaarraa invastimantii birrii biiliyoona 241 ol akka qaban eeraniiru.

Gama nagaa fi tasgabbii, godaansaa fi dameewwan tumsaa gama hedduu fi kanneen biroorratti waliin hojjechaa akka jiran kaasanii cimee kan ittifufu ta’uu mirkaneesaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015