Tirsimoon misooma Inarjii waaraa biyyaalessaa ifoome

42

Ebla 4/2016(TOI) - Ministeerri Bishaanii fi Inarjii har'a tirsimoo misooma Inarjii waaraa biyyaalessaa ifoomseera.

Tarsimoon kun akka lakkoofsa Awurooppaatti 2024 irraa hanga 2030tti hojiirra oola jedhameera.

Sirna tarismicha ifoomsuu irratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo dabalatee bakka buutonni qaamolee deeggartootaa argamaniiru.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii ogeeyyoota dhaabbilee adda addaa hirmaachisuun tarsimicha qopheesuuf waggaa 1 fi ji'a 6 fudhachuu beeksiseera.

Kanaan dura tarsimoo kanaaf galtee barbaachisu walitti qabuuf waltajjiiwwaan qorannoo jaha qophaa'uus eerameera.

Dhaabbanni Gargarsa misoomaa idil Aduunyaa Jarman(GIZ) deeggarsa faayinaansii fi tekinikaa taasiseera jedhameera.

Kaayyoon ijoo tarsimichaa waliin gahinsa inarjii guddisuu, filannoowwaan inarjii bal'isuu, manca'insa inarjii hiri'isuu akkasuma bulchiinsa inajrjii waaraa ijaaruu fi humna damicharra jiru cimsuudha jedhameera.

Tirimichi dhaabbilee damichaa fi qoodafudhatoonni qindoominni isaanii akka cimu kan taasisuufi humna inarjii karaa sirriin fayyadamuuf ni dandeesisaas jedhamera.

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii, Humni Elektirikii Itoophiyaa, Tajaajilli Humna elektirikii Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa Boba'aa fi Inarjii fi biiroowwaan bishaanii fi inarjii naannolee tarsimicha hojiirra kan oolchaan ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015