Humni Qilleensa Itoophiyaa leenjitoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa Viziin 2035 eebbisiise

55

Ebla 4/2016(TOI) - Humni Qilleensa Itoophiyaa yeroo jalqaaaf kan leenjise leenjitoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa Viziin 2035 sirna ho'aan eebbisiise.

Humni Qilleensichaa walitti hidhamissaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf karoora qabateen seenaa keessatti isa jalqabaa kan ta'e leenjitoota balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Viziin 2035 jedhaman leenjii xiin sammuu fi gahumsa qaamaa kennuufiin eebbisiiseera.

Sirna eebbaa leenjitoota kanarrattis Ajaja olaanaa Humna Qilleensa Itoophiyaa letenaal jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Hoji geggeessaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasoo fi hoggantoonni hojii olaanoo biroon argamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015