Terminaalli Awutoobisiifi Bakki bashannanaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa tajaajila uummataaf banaa ta'eera

16

Ebla 4/2016(TOI) - Tarminaallii Awutoobisii fi bakka turtii tajaajilamtootaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa tajaajila ummataaf banaa ta’uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Tarminaalli Awutoobisii kun tajaajilamtoota Aduu fi Roobarraa baraaruu dabalataan nageenyummaan isaanii akka eegamu karra seensaa Kaameeraan iccitii hidhameef qabaachuu ibsameera.

Bakki turtii Adwaa kun Ummata Finfinnee bakki bashannaanaa waloo hangam akka isaaniin barbaachisu kan agarsiisuu fi fedhii ummataa kan mul’isu ta’uu eeraniiru.

Misoomni Koriidariis fedhii ummataa kana hubachuun bakkeewwan bashannanaa, Turtii fi Tarminaala Awutoobisii fi Taaksii, akkasumas Paarkiiwwan kan hammate ta’uu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015