Naannoo Harariitti galii walitti qabamu si’achiisuuf hojiin teeknooloojiin deeggaramuun jalqabame jijjiirama fidaa jira

27

Ebla 04/2016(TOI)- Naannoo Harariitti galii walitti qabamu si’achiisuuf hojiin teeknooloojiin deeggaramuun jalqabame jijjiirama fidaa akka jiru biiroon galiiwwanii naannichaa ibse.

Kenniinsi tajaajila fooyyee agarsiisaa dhufe cimee ittifufuu akka qabu fayyadamtoonni dubbataniiru.

Hooggantuun biirichaa adde Ikraam Abdulqaadir TOItti akka himanitti, biirichi hojmaata teeknooloojiin deeggarame mijeessuu fi hojmaata seera qabeessa gabbisuun galiin walitti qabu guddachaa dhufeera.

Keessumaa fayyadamaan “teeknooloojii siistamaan” gibira akka kafalu biirichi mjieessuusaatiin galiin akka dabalu dandeesiseera jedhan.

Riifoormiin dhaabbataa hojeeffamuu fi humna namaan guutuun hojii ammayyeessuun bu’aa argameef gumaacha olaanaa bahuusaa ibsaniiru.

Aanaalee jahan magaalichaatti daldaltoota seeraan alaa gara deera qabeessaatti fiduuf Bitootessa 3 bara 2016 kaasee task foorsiin bobba’ee  duulaan hojjetamaa jira jedhan.

Hojii duulaatiin manneen daldalaa kuma 4 ta’an ilaaluun daldaltoota seeraan alaa 256 gara seera qabeessaatti fiduun akka danda’amee fi kanaanis galiin birrii miiliyoona 40 ta’u sassaabamuusaa himaniiru.

Bara bajataa baatii saddetitti naannichatti taaksii kallattii fi alkallattii, taaksii kan hintaanee fi tajaajila mana qopheessaarraa galiin birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 330 ol walitti qabamuu dubbataniiru.

Galiin walitti qabame karoorarraa harka 98 akkasumas kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataarraacaalmaa harka 24 akka qabu himaniiru.

Kafaltoota gibiraa naannichaa keessaa obbo Tasfaalenee Galataa yaada kennaniin tajaajilli biiroon galii kennaa jiru kan fooyya’ee fi bu’aa bayii Kanaan dura ture kan hanbise ta’uu dubbataniiru.

Hojiin daldala seeraan alaa gara seeraqabeessaatti fiduuf hojjetamaa jiru cimuu akka qabu ibsaniiru.

Kafalaan gibiraa obbo Taklabirhaan Taklacarqoos akka jedhanitti, hojjettoonni biirichaa tajaajila si’ataa kennuuf tattaaffiin taasifamaa jiru onnachiisaa ta’us, hanqinni sa;aatii fayyadamuurratti jiru sirraa’uu qaba.

Kafalaan gibiraa gibira kafaluuf gara biirichaa yeroo addaddaa kan dhufa obbo Gazzaaheny Siyyum yeroo ammaa tajaajila si’ataa argachaa akka jiran dubbataniiru.

Hojmaanni teeknooloojiin deeggaramuun jalqabame yeroo fi humnasaanii akka qusateef dubbataniiru.

Nannoo Harariitti kafaltoonni gibiraa kuma 29 akka jiran odeeffannoon biiroo galichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015