Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarse 

494

Ebla 03/2016 (TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarseera.  

Murteewwan walgahii idilee 29ffaa mana maree ministirootaa,

1. Manni marichaa jalqaba wixinee imaammataa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaarratti mari’ateera. Seerota, imaammatootaa fi tarsiimoowwan mootummaan baasu raawwachiisuu fi raawwachuu akkasumas adeemsa mootummaa ijaaruu si’achiisuurratti qoonni dhaabbilee tajaajilaa fi bulchiinsaa mootummaa olaanaadha. Haala Kanaan dhimmoota imaammatichi hiikuu fi fuulduraaf irratti hojjetamuu utubaawwan ijoo 7 irratti bu’uureffachuun qophaa’ee dhihaateera. Kanneenis siviil sarviisii bilisaa fi ofdanda’aa ijaaruu, Ijaarsa siviil sarviisii heddumminaa fi  hammataa mirkaneesse si’achisuu, sirna gurmaa’insaa fi bulchiinsa mijeessuu, sirna dhiheessii tajaajila mootummaa si’ataa fi qaqqabaa diriirsuu, sirna mirkaneess gahumsa hojjettoota mootummaa  ijaaruu fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuu, Siviil sarviisii dijitaalaa ijaaruun tajaajilootaa fi murteewwan fudhatama qabanii si’achiisuu,  Ijaarsa hojiirra oolchummaa hooggansa siviil sarviisii fi dhaabbataa si’achiisuudha. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti mari’atee galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

2. Itti aansuun wixinee imaammataa misooma intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hundeeffama, guddinaa fi babalina intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaaf haala mijataa uumuun, deeggarsoonni damee kanaaf kennaman fedhii fi dandeettii kan ilaalcha keessa galchan akka ta’an gochuun, hojiiwwan daldalaa alidilee ta’an deeggaruun misoomni damee kanaa hammataa akka ta’u gochuun gumaacha guddina dinagdeef qabu guddisuuf kan dandeessisu ta’ee dhihaateera. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

3. Sadaffaarratti wixinee danbii Gurmaa’insa, aangoo fi hojii abbaa taayitaa eegumsa naannoo murteessuuf dhihaate irratti mari’ateera. Abbaan taayitichaa hojiilee dhaabbanni to’ataa tokko raawwachuu qabu gahumsaan raawwachuu akka qabu, imaammattoonni, seeronnii fi sadarkaaleen eegumsa naannoo hojiirra jiran akkasumas waliigalteewwan eegumsa naannoo idil addunyaa Itiyoophiyaan mallatteessite hojiirra oolchuu fi hojjrra akka oolan gochuuakka dandeessu aangoo fi hojii abbaa taayitichaa akkasumas gurmaa’insa kan murteessu ta’ee mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wiximee kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabalee guyyaa gaxexaa magalataarratti bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

4. Manni marichaa afraffaarratti wixilee labsii sadarkaalee Itiyoohiyaarratti mari’ate. Wixineen labsii kun oomishoonni, tajaajiloonnii fi adeemsi biyya keessatti oomishamanii, biyya galfamanii fi biyya alaatti ergaman qulqullina kan qabanii fi kan sadarkaan baheef akka ta’an, kun ammoo guutuu biyyaatti akka hojeeffamu, kan dandeessisu, qaamolee to’attootaa jidduutti hojmaanni qindaa’aan akka jiraatu, iftoominnii fiittigaafatamummaan akka jiraatu kan dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

5. Manni marichaa shanaffaarratti wixinee labsii sirna safartuu seerawwaa irratti kan mari’ate yoo ta’u, daldalaa,  fayyaa, nageenya fi eegumsa naannoon walqabatee safartuuwwanii fi meeshaaleen safartuu tajaajilarra oolan sirrii ta’uusaanii mirkaneessuun fayyaa fi nageenya namaa fi beelladaa eegsisuu akkasumas faalama naannoo ittisuun badhaadhina waliigalaaf bu’ura waan ta’aniif, seerri seerota safartuu seeraqabeessa idil addunyaa waliin walsime dhihaate baasuun walitti hidhamiinsi daldala idil addunyaa keenyaa gabbisuuf wixineen labsii faayidaa olaanaa qabu mana marichaaf dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Itti aansuunis wixineewwan labsii 3 irratti mari’atee murtee dabarseera

6. Wixineen labsii Inistiitiyuutii sirna safartuu Itiyoophiyaa hundeessuuf dhihaate damee sirna safartuu, kaaliibireeshinii fi meeshaa saayinsiin tajaajila guddina teeknooloojii addunyaan irra qaqqabe waliin walsimu kennuu akka danda’u, hojiilee qorannoo fi qu’annoo, garsaa fi leenjii raawwachuu kan dandeessisu dhihaateera.

7. Wixineen danbii waajjira akireediiteeshiinii biyyaalessaa Itiyoophiyaa humdeessuuf dhihaate sirna akireediiteeshinii biyyaalessaa fudhatama idil addunyaa qabu ijaaruun daldalli biyya keessaa fi alaa akka si’atu, fayyaa fi fayyadamummaan hawaasaa akkasumas nageenyi naannawaa akka eegamu fi sirni gabaa haqa qabeessi akka jiraatu gochuu karaa dandeessisuun wixineen dambii mana marichaaf dhihaateera.

8. Wixinee danbii dhaabbata madaallii walsimsiisaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun hundeessuuf dhihaate oomishaaleen biyya keessatti oomishamanis ta’e biyya alaatii galfaman sadarkaalee idil addunyaa fi ulaagaalee seeraa guutuusaanii karaa inispeekshinii, sartafikeeshinii fi laaboraatooriin sakatta’uun mirkaneessuun fayyaan hawaasa fayyadamaa akka eegamu gochuun akka danda’amu wixineen dambii dhihaateera.

Manni marichaas marii taasisuun galtee itti dabalee guyyaa gaaxexaa magalataarratti maxxanfamanii bahanii kaasee hojiirra akka oolan sagalee guutuun murteesseera.

9. Xumurarrattis wixinee danbii gurmaa’insa, aangoo fi hojii tajaajila godaantotaa fi godaansaa deebi’an murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Godaantotaa fi kanneen godaansaa deebi’aniif eegumsa barbaachisu gochuun akka danda’amu, waliigalteewwan idil addunyaa fi Ardii Itiyoophiyaan raggaasifte sirnaan hojiirra oolchuuf godaantonni dahannoo fi deeggarsa akka argatan dhaabbatichi qoodasaa sirnaan akka bahu dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marees wixinee labsii kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015